QORII BEEKKUMSAA AFAAN OROMOO

0 323

Qaaxaar keessatti masjiidni Mobaayil(socho’aa) tahe Hojii irra Oole.
Masjiidni kun Iddoo Masjiidni hin jirretti namoonni salaata Salaatuu yoo barbaadanii iddoo dhaban Mobaayila isaanii Olbaafatanii telephoona bilbiluudhaan Masjiidni akka isin bira dhufu godhuu dandeessan.
Kun akkana dhaabbanni Ahlal kheyrii Muslimaa SHEIKH EID MAHAMMAD AL- THANI jedhamuun beekkamu Makiinaa Akka Masjiidaatti iddoo masjiidni hin jirretti tajaajiluu dandahu kan Keessaa Sidaajaa qabu,Maaykraafoona Yeroo Azaanni gahe Azaanu qabu, Bishaan wudu’aa fi TV screen qabu qopheessuun iddoo Masjiidni hin jirretti yeroo namoonni iddoo itti salastaniif rakkatan akka tajaajiluuf Makiinaa 4 qopheessuun akka Masjiida Mobaaylaa tahee tajaajila kunnu Akka Uuman Daarikteerri dhaabbatichaa kan tahe Salman Jaman Alqahxaanii beeksisa ture.
ALLAAH AKBAR
●●●●●●●●●●●●●●●●●●●
→ QOPHEESSAAN : ABDI SHERIF NUR
→ MADDI ODUU : PENINSULA NEWS

0 858

1.Guyyaa kee Salaata fajrii salaatuunii fii Zikrii ganamaa godhuun jalqabi. Guyyaa sanitti oolmaa gammachuu oolta, osoo rakkoonuu si mudatee Rabbiin si gargaaraa.

  1. Zikrii heddummeessi hanga Sheeyxaanni garaan gubaatee waan of godhu dhabutti3.Du’aayii godhatuu hin dhiisin. Du’aayiin funyoo jahannama irraa ittiin balchomtuudha. Rabbiin naaf hin godhu jettee Rabbiin irraa abdii hin kutatin. Rabbiin du’aayii kee karaa sadiin siif deebisuu danda’a.

– 1 wanta ati gaafatte yeroma sanitti siif godha.

– 2 wanta ati gaafatte san tursiisee kan gafaattee ol siif kennuun ni mala.

– 3 Du’aayii ati gaafatte gara Aakiiraatti siif dabarsuun guyyaa qiyaama mindaa siif kafaluun ni mala.

  1. Jecha afaan kee keessaa bahu kamuu maleeykonni gurmuuu kee kan mirgaa fii bitaa irra jiran kan barreessan tahuu hin dagatin.
  2. Bareedina harka keetii Zikrii ittiin godhuun bareechi.

6.Qarshii diqqaadhaan harka qalleeyyii,yatiimotaa fii miskiinota gammachiisi jaalala Rabbii argattaa.

7.Sujuudni ati saa’aa dheeraaf sodaa Rabbiif jecha guyyaa keessatti gootu galma mootummoota addunyaa irra jiran hundaa ol tahuu beeki.

8.Jechi tokko afaan keetii bahuun dura irra deddebi’uudhaanitti yaadi. Jechi afaan keeti bahuu sun rakkoo hedduu sitti uumuu ni mala.

9.Du’aayii nama miidhaa itti hojjattee sodaadhu.

  1. Barruuwwan adda addaa dubbisuun dura Qur’aana qara’uun guyyaa ke dursi.

11.Nabseen kee akka hojii gaarii hojjattuuf itti qabsaayi. Maaliif yoo jette nabseen uumamni ishiituu waan badatti waan nama ajajjuuf.

12 . Addaa fii harka haadha keetii dhungadhu jaalala Rabbii ni argattaa.

  1. Gooftaan Aalamaa,Soorressi Aalamaa,mootiinmoototaahanga ati ofii keetii yaadduu ol kan siif yaadu tahuu hin dagatin, yeroo kamuu si wajjiin jiraatuu yaadadhu.
  2. Musiibaa fii rakkoo si qunnamuuf akka Rabbiin si gargaaruuf salaata salaatuudhaan akka Rabbiin si gargaaruuf itti dhihaadhu.
  3. Shakkiwwan badaa tahan irraa of fageessi

16.maddi cinqii fi yaada badaa hundi Rabbiin irraa fagaatuudha. kanaafuu gama Rabbii keetii deebi’i.

  1. Salaata qabrii si wajjiin seentu salaati.
  2. Namni yoo si hamate hojii isaa gaarii siif qoodaa jira. kanafuu, Awufii godhiif Rabbiin mindaa hojii gaarii isaatii olii tahe siif kafalaa.

19.Namni Ibiddi jahannami isa akka eegaa jiru beeke hojii bada hojjatuu irraa of qusata. kanafuu, Ibiddi jahannam fuldura kee jiraatuu hin dagatin.

  1. Salaata kee kushu’aan sodaa Rabbitiin guutamuudhaan salaati, guyyaa qiyaamaa jalqaba kan gaafatamtu salaata irraa waan taheef.Rabiin warra itti hojjaate irra fayyaadamu nu haa godhu!Waliifis haa dabarsiinu!

– QOPHEESSAAN : ABDI SHARIIF NUUR

0 1784

Waa shaan waa dura itti fayyadami.

~ Jireenya kee du’aa keetiin dura.

~ Fayyaa kee dhibamuu keetiin dura.

~ Dargaggummaa kee dulluma keetiin dura.

~ Qabeenya kee hiyyoomuu keetiin dura.

~ Yeroo bilisaa hojiin qabamuu keetiin dura.

==Waa sadi (namni) hunduu ni hawwa.

  1. Beekkumsa
  2. Qabeenya
  3. Fayyaa

==Waa sadi Jaalalaan qabaachuu barbaachisa:

  1. Abbaa taayitaa
  2. Dhibamaa
  3. Dubartii

Waa sadi ilma qalbii qabbaneessu gadda salphisu (hir’isu):

  1. Bishaan
  2. Ilillii
  3. Midhaagina (bareedina)

Waa sadi ilma nama guddaa tasisu ykn ulfeessu:

  1. Namusni gaariin
  2. Arjummaan

3 Dhiifama nama gochuun

Waa sadi gammachuudha:

  1. Midhaagina
  2. Gad of-qabuu
  3. Qulqullina

 

– QOPHEESSAAN : ABDI SHARIIF NUUR

MADDI :- HAYAATUL QALB

0 236

( TEETH DAMAGING FOODS )

Nyaata ilkaan keenya miidhan ( Teeth damaging foods)
1. Karamellaa (Candies)
2. Loomii yoo baay’isnee fayyadamne (Too many lemon)
3. Chiipsii dinnicha irraa hojjatamu ( Frequent potato chips)
4. Buna sukkaaraan yoo baay’isne. (Coffee with sugar)
5. Alkoolii baay’isuu(Too many alcohols) (waan afaan gogsuuf)
6.Dhugaatii sukkaara olka’aa (Sugary drinks)
ofkeessaa qaban yeroo dheeraa fayyadamuu

Qopheessaan :- Abdi Shariif Nuur

MADDI : ADA (American Dental Association)

0 523

KINTAAROOTII/HEMORRHOIDS

 

Kintaarootiin maali?

Akkamiin namatii dhufa? Falli Isaa hoo maali?
** Kintaarootiin rakkoo fayyaa yogguu hiddootni dhiigaa munnee/hudduu (rectum) keessatti argaman dhita’an fi mada’aan nutti dhufuudha.
** Dhita’uu fi mada’uu hiddoota dhiigaa munnee keessatti argaman kan kintaarootii nutti fiduuf wantoota sababa ta’an:
1. Dhiiga qaamota gara gadiitii gara onneetti kan geessu hiddi dhiigaa guddichi ‘portal vien’ inni jedhamu yoo uggurame ‘ portal hypertension’ fiduun hiddootni dhiigaa munnee keessatti argaman gara itti deeman dhabuun achumatti guduunfamuun hafu. Kun ammoo yeroo baay’ee namoota dhukkuba tiruu qaban irratti mulla’ata.
2. Umriin dabaluu- kintaarootiin yeroo baay’ee nama umriin dabale irratti mulla’ata. umriin akkuma dabaluu maashaaleen silaa hiddoota dhiigaa munnee keessatti argaman jabeessuuf oolan hanqachaatii deemu. Kun ammoo hiddootni dhiigaa kunneen yoo boolofnu salphumati gad dhiibamanii akka dhita’anii fi mada’an isaan taasisa.
3.Gogiinsa garaa- boolii goge basuuf yogguu ittannu hidootni dhiigaa munnee keessatti argaman ni cunqurfamu.
4. Furdina garmalee -dhiibaa garaa keessatti dabaluun hiddoota dhiigaa munnee keessatti argamanirratti dhiibaa geessisa.
5. Yeroo ulfaa – haaluma furdinni garmalee fiduun.
6. Infeekshiniin munnee deddeebi’ee yoo nama qabe. Kun kintaarotii fiduu keessatti ga’eensaa xiqqaadha.
**Mallattoolee
# Dhiigaa munneedhaan bahu.
– Yoo nama dhiigu dhukkubbii hin qabu, dhiiguu keenya kan agarru tasa iddoo teessuma mana fincaanii ykn waraqaa( sooftii) ittiin qulquulloofane irratti ta’uu danda’a. Dhukkubii qaba tanaan rakkoo walxaxaa nutti fidaa jirachuu agarsiisa. Kanaaf battalatti m/yaalaa deemuu barbaachisa.
# Dhiitaa xiqqoo munnee keessatti namatti dhagahamuu. Yoo waraqaadhan qulqulleeffatan harkarratti kan namatti beeksisu. Dhiitaan kun kan ofii isaatiin ykn harkaan dhiibuun ol deebi’u ykn gonkuuma kan ol hin deebine ta’uu danda’a. Kun ammoo sadarkaa dhukkubichi irra Gahe mulli’isa
# Miirri nama nyaatu ykn hooqsisu hudduu keessa namatti dhagahmu.
Falli maali ?
Rakkinichi sadarkaa ol-aanaa irra kan hin geenye( kan reefu nurratti mulla’ate) yoo ta’e haalli manatti of yaaluu dandeenyu jira:
* Bishaan ho’aadhaan naannoo sana(hudduu) dhiqachuu Ykn cabbii hucuu haphii fi qulqulluu ta’een maruun jabeessanii irratti qabuun daqiiqaa muraasa turuu.
* hudduu haxa’achuuf /qulqulleefachuuf waraqaa lallaafaa ykn bishaan fayyadamuu
* Jirbii cuunfaa loomiitin jiisuun irratti daqiiqaa muraasaaf qabu.
* Booliin yoo haalan nu qabe qofa boola’uu. Yoo boolofnus m/fincaanii irratti haala taa’umsa Keenyaa mijeeffachuun booliin haala salphaan osoo hin ittannee akka bahu gochuu.
* Nyaata sirreeffachuu. Nyaata faayibariidhan badhaadhaan baay’inaan soorachuu: Raafuu, dinnicha, qamadii,garbuu,talbaa, baqelaa/atara, ocholonii, burtukaana/loomii,avokaadoo fi muuzii fa’a soorachuu.
* Booliin bahuu yoo rakkise ‘stool softeners’ kan jedhaman kan bifa ‘cream’ qopha’an bitachuun fayyadamuu. Kana hirriba duraa fi yogguu boolofnu fayyadamuu qabna.
* Haala armaan oliin yoo sin dhiisuu baate ykn sadarkaa ol aanu irra gahe yoo ta’e m/yaala deemuu. yaala baqaqsanii hodhuu( surgery) argachuun ni danda’ama. Yaaliin baqaqsanii hodhuu garuu rakkoon inni nutti fidu waan jiruuf filannoo dhumaa keessan osoo gootaniin isin gorsa.

Qopheessaan :- Abdi Shariif Nuur

MADDI  :- www.healthline.com/health/hemorrhoids